Oromo Proverbs MAAKMAAYSA sa'aan gu'aan loonii mit,dhiirsaa niitiin walii'galle gaarii mati. warri badaan walfaana badaa warri haftuu sagalii tumaa daakkii hin jerjeruu warri saree sagalii karra cufaa hin jerjeruu. jabaateef tokko gogaa hin dhifuu. xuuxxoon shantamni nama tokkoof ba'aa, nama shantamaaf,boona. areedoon gorsa hin feesisuu beekaa waliin falataa. waliigalan malee alaa hin galan. waliin buluuf wal-bulchan. qobboon tuulamte arba dhoorgatte. dabuus ejersumaatu dongoraa. kashlabiin guusa hin taatuu. waywaatni du'a nama hin oolchu. ilmi dhiiraa gaafa dhalate du'e. murataan marqa baalarratti nyaata haat jeeynaa baaddu barbaada qabdii,duutu awwaala qabdi. afaan leenca citaan hin seenuu. ilmoon leenca buburree garaan jeeynaa hurruma.hadhaa dhugan garuma guutan hadaraa jedhaniif diinni nama hin dhiisuu. eeboon jeynaa jeeynummaa namaa hin taatu haati dhiiraa waaqaa. jeeyna jibbituus dubbiisaa jaalatta, dabeessaaf hin makkitu. kan dubartiin ergite du'a hin sodaatuu. sodaataan bishaan jannataa hin dhugne. fuulaa jenni itti du'e hogguu fiilti. garaan kuruphoo jabaa. dabeessatu lama bula. dabeessummaa sodaataa uleen lama luyni kan haadhaati duulli dheessu halkan galaa. takka loluun gootummaa keessa ooluun gadhumma bira hin jirreen nama dhiiroomsiti daafaan gaafa goobe hin geeraruu. hamma feete jaalattu dabesa dubbii jibbitaa. ilmaan haadhaa mariin ibidda keessa. luyni niitii isaarraa dheessa. lukkuu ijji diddiimatuun hamma risaan gaara hin bu'ini. anuu hin duuluu abboonuu nati hin dhiisu jette sodaattuun. jeyni mar'ataa saafaa ololee nama nyaata,luyni saree dhaltuu lafa diimatte nyaata. sodaataa bofaa itillee jala jiraaf. garaa jabina alaa raraa manaa tortoraa. aayyadaan aduu ganamaati ilmoon masaanuu abbu torbatti masaanuu. wajji dhaloota malee dhalaan diina gurraacha. adureef tapha hantuutaaf lubbu. kan deegaatti roorrise hin badhaadhu. dheebuu qabbanaa tii fii hammeenya haadhaa namni namaa hin beeku. hammaattu haadhaan dabeettii jedhani. siqqeen mootee warri isiin moote dhume namni horiin bitame horii nma see'a. nama hamaa duuti lama aadaa,dhuudha qabbanti raachaa fayyaan billaachaa akka biyyaatti wadalli iyyaa duruu sin beeku jedhe garbichi daadhii diddige hamma beektu niitiin dhiirsa soorti