Afaan Oromoo (Mi'aawaa akka Dammaa) Sabni Oromoo, ilmaan Oromoo hundaaf tokko kan tahe, afaan mataa isaati qaba. Afaan Oromoo afaan warra Kush kan gara bahaa keessaa tokko. Afaan Oromoo afaan Affaar, Saahoo, Soomalii, Sidaamaa, Rindillee, Darasaa, Koonsoo fii Gidoolee wajji walfakkeenya Guddaa qaba. Afaan Afriikaa keessatti beekkamoo fii barbaachisoo tahe keessaa afaan Oromoo tokko. Afaan Oromoo afaan ummata kumaatam a soddoma caaluun yoo dubbatamu Oromiyaa, Keniyaa, Tanzaniya fii Somaliyaa keesstti dubbatama. Alagaa Oromiyaa daaw'atuun waa'een afaan Oromoo hedduutu barreefame . Keessattuu warri amantii kiristiyaanaa fii islaamaa babal'isu kan barreesan tuulaa. Afaan Oromoo qubee mataa isaa akka hin qabaanne mootummaan gunteeffattuun habashaa gootullee hayyotni Oromoo hedduun ijibbaata afaan Oromoo akka qubee mata isaa qabaatu godhaati turan. Isaan keessaa hangafni Sheek Bakrii Saphaloo (Abubaker Usman Odaa)ti; seenaan Oromoo isaan ni yaadatti. Warri amantii kiristiyaanaa tii fii islaamummaa babal'ise afaan Oromoo akka jiraatu, gargaaranille mudaa guddoos irraan gayanii jiran . Gadifaginni Bocolummaa afaan Oromoo gadifagina amantii lamaan nama Oromoo keessaa qabdurratti akka rarra'u haasawa sheekkotii fii qeesootii nama dhaggeeffateef dalmaashooma hin qabdu. Afaan Oromoo qubee laatiin, arabaa fii amaaraatiinillee barreessuuf ijibbaatni godhamullee akka barbaachisutti sagaleewwaan afaan Oromoo qabu quubsuu waan hin dendeyiniif hamma ammaatti ir'inaa qaba. Afaan Oromoo Mirra lamaantaa lama kan irratti hundeefamu qaba; jabeessuu fii laaffisuu, dheereessuu fii gabaabsuu sagaleewwaniiti. Qubeen laatiinii fii arabaa ir'ina qubee sagalee afaan Oromootiif taatu dhaba yoo tahu, kan amaaraa jabinaa fii laafina, dheerinaa fii gabaabina sagaleewwan afaan Oromoo qabaachuu dhaba. Fafa afaan Oromoo kan gi'iziin barreefamee Xaaliyaantichi Cerullin ja’amu waan himeef bira tarre. Ir'inni xixiqqaanilleen osoma jiruu quboota naannawa Oromootti mul'atan keessaa laatiin afaan Oromootiif kan hafan caalaa barreessuuniin mijjaawee mul'achuun, yeroo ammaa tana afaan Oromoo qubee isaa laatiin irraa tolfamee ittiin barreefamutti jira.