Oromiyaa (from Billiqa, a book of Oromo poetry by Oromo poet Xaahaa Alii Abdii - T.A.Abdi) Gamasiin Suudaan kaaniin Ogadeeniya Hiriyaa Walaaytaa Sidaamaa Hadiyyaa Kibbaadhaan Keeniyaa bariin Soomaliyaa Jabuut fuullee kee ollaa Affariyaa Toophiyaa miil jalee biyya too Oromiyaa Ibsaan siif billiqee warraaqsa hurriyaa Sadoo nafa keetii magaalaa baadiyyaa Tuuta tiksee burqii hiriirsi waardiyaa Araddaa boqqoolloo daggala bunneenii Baddaa midhaan dansaa raaree dheeda loonii Bosona bineensaa hurruma gammoojjii Gaarreen malkaa haroo hunduu walii wajji Waabee laga gamaa gamatti dhawwaaqu Baaroo gubbaa kaadhee Oomotti burraaqu Dhidheessaa Aqaaqii gooha caqafadhu Awaashi Abbayya maqee odeeyfadhu Xaanaa daangaa jidduu deemee iyyaafadhu Dhiha barii labsee yaamee dhageeffadhu Bokkaa kee qaafadhee caama qaqqaamadhu Asii achi taree bifa tee daaw'achu Si dhiheeysee hinquufu lammiis dharraa hin bahu Hawwii tee dhalli kee dhugaan fiixa gahuu Tumsaa waliif galteen gabroomsaa arihuu Oromiyaa warraaqi ibsaan kee haa bobahuu