http://www.voiceoforomiyaa.com/poem3.htm KUTAA TOKKOFFAA (UNSURUU SHEEKAA) Ganni dabreetiin birraan bari'ee bubbee adoolessaatiin rooba ari'ee garbuulleen gaaree haamamuu gahee (1) boqollaan furrii goyfatee asheeta tahee (2) Yeroo akkanaa gaaf tokkoo oorruu eeguudhaaf na ergan abbaaf haati koo Gandi keennalleen gaararraa fagoo nu maddii hin irtuu qamaleen hoongoo Jaldeessilleen ka jiru qarree wanni nu dhibaa jeedalaaf saree ka boqqollaa weeraru taree taree tiiyseen horiillee ta waaqni abaare oorru'ggadhiifti saawwaniif harree oorruu ufii eeggachuu baannaan halkanii guyyaa dammaqee abbaan dhufuu dandeetti hoongoon baashee mashaqqaa rakoon gugurdoon (3) kana na gorsan yoomuu aayyoof aayguddoon Oorruu teenna ta ardaa gamaa dhaqee naannahee yoo takkaa lamaa fagotti ufirraa laalee loowwan ka ormaa oorruu garaachallee seenee toohadhee hamtuun hin jirtuu eegan hubadhee xinqishaa nyaachUtti seenee caphsadhee Karatu oorruu maddii baasaa lagattii bishaan waraabuuf caancoo dhaqattii IBSA Jechoota tokko tokko ka Oromoon hundi beekuu dhabuun malu armaa gaditti ibsa. Lakkoofsa 1, 2, 3...... jedhee barruu keessatti akkuma kaahetti fudha. 1. Garbuun gaare:- Jechuun goguuf qophaahe jechuu. Midhaan hin facaasan. Ni biqila. Ni dhala. Humna godhata. Hin hudha (Daraaraa isaa afaanitti qabatee qophaaha). Garbuun, qamadiin, hayisaaniff kkf ni salban (daraaraa alatti baasan). Eegasii cumaa raran (Milky stage). Eegasii ni asheetan. Ni GAARU. Itti aansanii ni goganii haamaman. 2.Boqqollaan wayta garbuun salbu Shaabbee darba (Abaaboo isa dhiiraa, kan mataa gubbaa san baasa). Dhukoo godhata (Isa booda firii kennu, seenxii baasa). Seenxiin humna boqoollorratti baate jajjabaattee BOQQOLLOON FURRII DARBITI (Silking stage). Daraaraan kun isa DUBARTIITI Eega awwaarri dhiiraa SHAABBERRAA itti bu'e dhukoon (mataan boqqoolloo) firii baasa. Yeroo akkanaa FURRIIN ni goga. Boqqolloon asheetuuf qophaahe jechuudha. 3. Naannoo an dhaladhetti beelaan BAASHEE jedhu. Mashaqaalleen rakkoma. 4. Caancoo jechuun madda bishaanii xiqqoo isiiti. Ta yoo kaan goydu yoo kaan jiitu. 5. MAAXARUU : Yeroo baay'ee horitu huccuu (wayaa) maaxara. Alanshanii cicciru, asii achiin qaawa itti baasanii. Armatti oduu akka isin hin hordofne bakka bakkatti isin jalaa faffacaase jechuuf itti fayyadame.