Geerarssa KOOTTA WAL-HARKAA FUUNA.. Kootta wal-harkaa fuuna Akka ijolee abba duula Nutuu ijolee abba duula. Geerar geerar naan jedhu Yoon geerare maal qaba Eessa kootu mudaa qaba. Qamalee eegeen dalgaa Disoon farda gashitee Ilaalime Abushee Hankee maaf yeroon darba Atiso ilma ashite. Abbayeeko gaariiko Sitti odeesa raajiiko Raajiiko hindhumine kana Haftu hinheerumine kana Deeggo citaa qabaare? Kan ganna haammate malee Deegaan fira qabaare? Kan tattafate malee. Deeggo citaa diimessa Deegni wayya diimessa Nama wayyaan diimate Ijooleen obbo hin jettu Waarissaan isin hin jettu. Allaatiin deega hin nyaattu, foon isaatu ajaahe laata Waarissaan deega hin ammattu, moofaatu ajaahe laata. Deega koo ya farrisaa Tuuri ammaan si fannisa Mukka-arbaa daraaretti Ilma abbaan abaaretti Niitii jirbbii hin foonetti Irisa niitii hin moonetti. Jedheen itti jooreeka Foon maddii na qooreeka. Anoo beeka kormikee Beeka maalaan wallaala Utuun beekuun marmaara Itti beeka ilmi kee. Daldalaa wajjin ganyaa, qirqabaa jabeefachu Cirtuu wajjin gajamoo, cinqaara jabeefachu Qotataa wajjin gindii, dhiittasa jabeefachu. Ergaan dhaladhe hin teenye Bakka garaa koo hin geenye. Ijoolle Oromia, ijoolle biyya keenyaa Kootta wal-bira teenya Marii walii dhageenya Akka abbooli keenya Amma yo mootii mootii Namini niitii ishee mooti Niitiin ijoolee mooti Ijooleen saree mooti Sareen adala mooti Adali hindaaqo mooti Hindaqoon raamo mooti Raamoon goomana mooti Goomani garaa mooti. Amma yo mootii mootii Kilishoon Malix mooti Malix Maxxulle mooti Gorsa Malix fudhatee Dantaa har'aatif jettee Garasheef gowwomfamtee Humna ormatti hirkatte Maxxulleen lammii mooti Roorroon itti jabaatee Lammiin yoo tokko taate Diinashe hundaa mooti. Egaa kana hawwiin koo Tokko haataanu lammi koo.