Geerarssa ILAAL MEE HARME KOO .... Geerar geerar naan jedha Garaan koo waa na fedha Geeraru maal na gonfu? Wallallaan natti kolfu Takka bookkisu laata? Goota cooksisuu laata? Ilaal mee harmee koo Haadha koo jaalalle koo Amma gogorri hin geessu Jartiin korommi deessu Jaartii goodaan dagalaa Ormi si nyaachuuf maggala Ani si eegufan foggola Harmee koo golli raada Maqa kee dha'un yaada Harmee koo dangalaatu Jarti mucaan maraatu Qal'oon kee dhibee hin naatu Ya dangashee boorana Jarti mucaan soolana Ano hin baane foolana Keessan buusa maqa kee Akka kuula wayya kee Ya deessu bifa lamaa Tokko isa boontu namaa Tokko isa galtuu gamaa Ya haadha dhiira hangafa Boontun kee yooman rafa? Ibee keetu narratti hafa Hin rafu maalin rafa Duri iyyu rafaan ba'ee Inni iyyu narra ba'ee Ilaali mee harmee koo Jarti koo ya giifti koo Egaa mee egetanaa Fardda yaabi dannabsi Kan lafti siiqu dalgaa Waami iyyu nama araphsi Kan sitti xiixun arga Ilmatu naa ga'ee jedhi Tolee naa darbe jedhi Yoona malee yoomiree Aayyo mucaan joobiree Yoona kana yoonnisa Jarti mucaan roorrisaa Yeroo raatuun baqattu Yeroo gootn danfitu Yomma sarbbaa tuulani Yomma darbaa duulani Gaachana duulaaf bitu Yoo dhibeef kosii itti haru Ilma duulaaf dhashatu Kan dhibeef qochiifatu Wayya koo dhuma hin dhoolle Maafan hiddi irraa dheessa? Turraan jirbi balleessaa Lubbu koo dhu'a hin dhoolle Maafan duula irraa dheessa? Turraan lammi balleessa Ilaala mee lammi koo Lammi koo ya taaji koo Attam goonee goonure? Karaa nagaarra demuuf Duubaan ganuun nu nyaate Ormi abshaalu baa'ate Kam gabbarre dandeenya? Hund yoo nyaara bubbute Xixinesseen beela'a Yeroon waa nyatan geesse Xixinesseen geerara Yeroon waa yaadan geesse. Aayyoon dhiira deesse woo Yeroon dhiiraas geesse woo Gaatraa muka silkii Kan maccatti odeessitu Jirti boontittin tokko Kan dhaariin bubeessitu Kulli kulliin handaaqoo Lafa garbuutti yaate Duti dutiin garaa koo Na daddarbuutti kaate Nan daddarbiin garaa koo Bara darbuuf dhiyaate Tuttoolani fe'anii Tabba irraa jallatuure? Tulamanii ta'anii, Waaqa abba komatuure? Mirga argu abdatuure? Bilisummaas yaaduure? Waaqni abba gangoo dhaare? Nama baatee demaare? Jedheen itti joore kaa Foon maddi na qoore kaa Hallayyaan muumme hammatti Tabba irra hin jalatiina Halagaan ganu hammatti Fira irraa hin fagaatina. Midhaaniin midhaan nyaachuun Hancooteen haa rawwatu Halagaa wajjin duuluun Goobanaan haa rawwatu Waan dheebunis na godhe Bishaan ga'een dubbadha Waan halagaan na godhe Lammi ga'een dubbadha. Ilaali mee hiryye koo Obbolee koo goota koo Baritti bara darbee Meqa tu nu daddrbe? Bannee barbaacha dhabne Hidhaminnee gaaffi dhamne Duunees owwaalcha dhabne Beelonees nyaata dhabne Amaane bu'a dhabne Hawwine carraa dhabne Duullees mirga isa dhabnee Kun maali nagaroon koo Cubbuun akaakilee koo Oolmaan abaable koo Akka hiree namaati woo Akka ilmma oromooti woo Haa ga'u egaa boonyi koo Booyu kootu hafaaf miti Haftuutu heerumaaf miti Eessa abba isaa na dhaqa Gaaf tokkon lafa naqa! Gaatraan baaroo jigee Galaanni mata raasee Mirgi Oromo itti urgaa'ee Mucaa kee garaa raasee Hawwi koo ya urgootu Otu hin se'iin naa koottu Hin haftu natti urgootee Haati koos gali galtee Mirgi koos gurguramtee Hawwin koos dhukaamatee Okseen si buta malee Akkuma durbba qarre Duuleen siif du'a malee Tullu qaqaxaamuree Kana egaa hawwiin kan koo Na dheebbisa lammiin koo Na hordofaa hiryyeen koo!!!