http://www.ipk.ntnu.no/ansatte/Privat/Hirpa/Oromo/geerarssa/geerarssa1.html Geerarssa TAKKA BOOKKISU LAATA.. Mee takka bookkisu laata Goota cooksisuu laata Hiryyeen tarre fidde Laphe laaftiin didde Laphe laafeeraa manna Hin maraateera wayya. Ani beeka garaa koo Hin dabarsu tarre koo Maafan tarre dabarsa Natuu tarreen dannabsa. Abbe koo ya taaji koo Sitti odeessa raaji koo Raaji koo hin dhumne kana Haftu hin heerumne kana. Natti urgaa'e waammin kee Maqaan kee gootomni kee Akka ansoosilla birra Akka foon mata dirra Akka cooma waadani Akka goota waamani. Jaarsa areeda sarsara Akka leenca dagalaa Jaarsa dirribi dhuffatu Isa dhilbi gashatu Kan dhibba dhachaafatu. Eessa keetu gabo qaba Situ yuu maqa qaba Alshitees ilma qabda Kan maqa si wamsiisu Qotatees dilbi qabda Kan baraaf si koorsisu Hortees dhibba dachaafta Gooda horro keessatti Dubbatees diina moota Araddoota shaambuutti. Yoon bixxillee koo nyaadu Qabeen koo biraa hin haftu Yommaan abba koo waamu Harmeen koo biraa hin haftu Ergaan kitta koo maree Balee koo marmaruure Ergaan abba koo waamee Harmee koo dabaluure; Amma gogorri hin geessu Jartiin korommi deessu Jaartii luucaan dagala Akka muujja balbala Harmee koo golli raada Maqa kee dha'un yaada Harmee koo dangalaatu Jaarti mucaan maraatu Qal'oon kee dhibee hin naatu Ya dangashee boorana Jaarti mucaan soolana Anoo hin baane foolana Keessan buusa maqa kee Akka kuula wayya kee Ya footu calii lama Ya boontu sanyi nama Ya haadha dhiira hangafa Jaarti luucan jargafa Hin rafu maalin rafa Duri iyyu rafaan ba'ee Inni iyyu narra ba'ee Yoona malee yoomiree Aayyo mucaan joobiree Yoona kana yoonisa Jarti mucaan roorrisa Yeroo raatuun baqattu Yeroo gootn danfitu Yomma sarbbaa tuulani Yomma darbaa duulani Gaachana duulaaf bituu Yoo dhibeef kosii itti haruu Ilma duulaaf dhashatuu Kan dhibeef qochisiifatuu Wayyaa koo dhuma hin dhoolle Maafan hiddi irraa dheessa Turraan jirbi balleessa Lubbu koo dhu'a hin dhoolle Maafan duula irraa dheessa Turraan lammi balleessa Attam goonee goonuree Kam gorre itti baanuree Bosona cabsaa deemuuf Gufuun nutti hammaatee Hiryyeen wal gaggatee Karaa nagaarra demuuf Duubaan ganuun nu nyaatee Ormi abshaalu baa'atee Kam gabbarre dandeenya Hund woo nyaara bubbutee Xixinneseen beela'aa Yeroon waa nyatan geesse Xixinesseen geerara Yeroon waa yaadan geesse. Aayyo dhiira deesse woo Yeroon dhiiraas geesse woo Gaatraa muka silkii Kan maccatti odeessitu Jirti qal'oon kee tokko Kan dhaariin bubeessitu Tuttoolani fe'anii Tabba irraa jallatuuree Tulamanii ta'anii Waaqa abba komatuuree Mirga argu abdatuuree Bilisummaas yaaduuree Waaqni abba gangoo dhaaree Nama baatee demaaree Jedheen itti joore kaa Foon maddi na qoore kaa Hallayyaan muumme hammatti Tabba irra hin jalatiina Halagaan ganu hammatti Fira irraa hin fagaatina. Midhaaniin midhaan nyaachuun Hancooteen haa rawwatuu Halagaa wajjin duuluun Goobanaan haa rawwatuu Waan dheebunis na godhee Bishaan ga'een dubbadha Waan halagaan na godhee Lammi ga'een dubbadha. Bannee barbaacha dhabnee Hidhaminnee gaaffi dhamnee Duunees owwaalcha dhabnee Duullees mirga isa dhabnee Akka hiree namaati woo Akka ilmma oromooti woo Kan hin turre qoodni koo Haa ga'u egaa boonyi koo Booyu kootu hafaaf miti Haftuutu heerumaaf miti Eessa abba isaa na dhaqaa Gaaf tokkon lafa naqaa Gaatraan baaroo jigee Galaanni mata raasee Mirgi Oromoo itti urgaa'ee Mucaa kee gara a raasee Hin haftu natti urgootee Biyyi koos gurguramtee Okseen si buta malee Akkuma durbba qarre Duuleen siif du'a malee Tullu qaqaxaamuree Kana egaa hawwiin koo Na dheebbisa lammiin koo Na hordofaa hiryyeen koo!!